Fana: At a Speed of Life!

Kaappitaala Birrii biiliyoona 2 kan hundaa’e Maanufaakcheriingiin Galiilaa hojii eegale

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) – Kaappitaala Birrii biiliyoona 2 kan hundaa’e Maanufaakcheriingiin Galiilaa Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti hojii eegaleera.

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa paarkicha keessatti hojjetaa jiran lammiilee hedduuf carraa hojii uumuu Itti Aanaa Hojii Raawwachiisaan Olaanaan Paarkiiwwan Indaastirii Itiyoophiyaa Zaman Juunaddiin ibsaniiru.

Akkasumas oomishaa alaa galaa turan biyya keessatti oomishuun shafara alaa hambisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbanni Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan isaa murtaa’e Galiilaa Maanufaakcheeriing har’a ifatti paarkicha keessatti Kophee oomishuu eegaluu himaniiru.

Lammiilee kuma 1 oliif carraa hojii kan uume ta’uus dubbataniiru.

Sisaay Geetinnatiitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.