Fana: At a Speed of Life!

Kaampii raayyaa ittisa biyyaa cifiraa tokkoof bakka qubannaa ta’u ijaaruuf dhakaan bu’uuraa Kaa’ame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Kaampii raayyaa ittisa biyyaa cifiraa tokkoof bakka qubannaa ta’u ijaaruuf Aanaa Dandii ganda Awaash Booletti dhakaan bu’uuraa Kaa’ame.

 

Itti Gaafatamaan maandisa qajeelcha ol’aanaa raayyaa ittisa biyyaa Leetinaant Jeneraal Geetaachoo Guddinaa  fi bulchaan godina Shawaa Lixaa Obbo Dirirsaa Waaqumaa dhakaa bu’uuraa kana kaa’aniru.

Leetinaant Jeneraal Geetaachoo Guddinaa akka jedhanitti raayyaan cifiraan tokko qubsiisuuf naannoo kanatti kaampii ijaaruun diinagdee, misoomaa fi nageenya naannoo kanaaf bu’aa ol’aanaa qaba jedhan.

Ijaarsi kaampii kanaas lafa heektaara 12 irratti qarshii Miliyoona 60 oliin ijaarsisaa yeroo gabaabaa keessatti akka eegalus dubbataniiru.

 

Obbo Dirirsaa Waaqumaa Bulchaan Godina Shawaa Lixaas hojii nageenya tiksuu biratti rakkoo hojii dhabdummaa furuu keessattillee ijaarsi kaampii kanaa gahee ol’aanaa akka qabu hawaasni beekuun misooma dhufe hunda akka kunuunfachuu fi caalatti simachuu akka qaban dubbataniiru.

 

Akka waajjiri kominikeeshinii godina Shawaa Lixaa beeksiseetti, ijaarsi kaampii kanaa magaalaa Giinciirraa gara Lixaatti naannoo burqaa laga Awaash Ganda Awaash Boolee jedhamu Warshaa Keenyaa Biiraa cinaatti kan hojjetamudha.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.