Fana: At a Speed of Life!

Kaampaasii fi dameewwan dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa 104 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Kaampaasii fi dameewwan dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa 104 irratti tarkaanfiin Sirreeffamaa fudhatamuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii FDRI beeksise.

Dhaabbilee kanneen irratti tarkaanfiin kan fudhatame kaampaasii, dameelee fi dameewwan barnoota beekamtiin hin laatamneefitti barattoota simachuun waan barsiisaniif ta’uu eerameera.

Dogoggora dhaabbileen kunneen uuman hordofee tarkaanfii of eeggannoo barreeffamaa dabalatee sadarkaa sagantaa, kaampaasii fi dhaabbileetti eeyyamni beekamtii isaanii haqamee guutumaan guutuutti kan cufaman jiraachuu abbaan taayitichaa beeksiseera.

Bara 2014tti magaalaa Finfinnee dabalatee sadarkaa biyyaalessaatti waliigalaan kaampaasii, fi dameelee dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa 305 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu ibsameera.

Tarkaanfiin sirreeffamaa dabalataa torban itti aanutti kan ifoomu ta’uu ragaan abbaa taayitichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.