Fana: At a Speed of Life!

Kaadhimamtoonni Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uuf dhiyaatan falmii filannoo gaggeessan

Finfinnee, Mudde 4, 2017 (FMC) – Kaadhimamtoonni Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uuf dhiyaatan har’a galma walga’ii gamtichaatti falmii filannoo gaggeessaniiru.

Tokkummaa Afrikaa, Nageenyaa fi Tasgabbii,walitti hidhamiinsa daldalaa bal’isuu, guddina diinagdee, waltajjii addunyaarratti dhaga’amummaa Afrikaa dabaluu,riifoormii dhaabbatummaa, fayyadamummaa lammiilee fi ajandaawwan biroorratti xiyyeeffachuun falmii filannoo taasisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Jibuutii Mahaammad Alii Yeesuuf, Ministirri Muummee duraanii Keeniyaa Raayilaa Odiingaa fi Ministirri Dhimma Alaa duraanii Madaagaaskaar Riichaard Riindiriiyaamaandiraatoon falmii sa’aatii 2 ol fudhate taasisaniiru.

Kaadhimatoonni kunneen yoo filataman waan raawwachuuf karoorfatanirratti ibsa bal’aa taasisaniiru.

Mahaammad Alii Yeesuuf dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’anii yoo filataman dhimmoota nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaarratti xiyyeeffannoo addaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas piroojektoota dargaggoota Afrikaa fayyadamoo taasisan hojiirra kan oolchan ta’uu dubbataniiru.

Raayilaa Amooloo Oodingaan gama isaaniin Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun yoo filataman mul’ata hundeessitoota gamtichaa kan ta’e Afrikaa tokkummeessuun xiyyeeffannoo isaanii olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Barnoonni, Fayyaa fi sona oomishaalee dabaluun toora xiyyeeffannoo addaa ta’uu dubbataniiru.

Riichaardi Riindiriiyaamaandiraatoon ammoo Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uun yoo filataman uwwisa Faayinaansii hammataa uumuun fayyadamummaa lammilee haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Hojmaata guddina diinagdee Afrikaa caalmaatti saffisisaan kan diriirsan ta’uu himuu TOI gabaaseera.

Filannoon kun Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa Guraandhala 8 – 9, 2017 Finfinneetti taa’umurratti gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.