Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen naannichaa kallattiiwwan yaa’ii Paartii Badhaadhinaan darban hojiitti hiikuuf mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Kaabineen naannoo Hararii dhimmootta kallattiiwwan yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaan darban hojiitti hiikuuf dandeessisan irratti mari’ateera.

Daballii gatii fi qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf hojiilee sadarkaa biyyaatti hojjetamaa jiran dabalataan haala qabatamaa naannichaatiin rakkoolee kanneen furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetaman ta’uu Preezdaantiin naannichaa obbo Oordiin Badrii ibsan.

Naannichatti hannawwan damee lafaa, bittaa fi sassaabbii galiin mul’atan sirnaan qorachuun tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Sosochii invastimantii dabaluu fi miidhagina magaalaarratti hoggansi xiyyeeffannoon socho’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Akkasumas raawwii proojektootaa fooyyessuu, kenniinsa tajaajilaa fi duudhaa waliin jireenya uummataa guddisuuf hoggansi miira yeroo hin qabnuun hojjechuu akka qabu obbo Oodriin dubbataniiru.

Naannichatti qaamolee shira diinagdee uuman ittisuu dabalataan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ittaantuun Preezdaantii naannichaa aadde Missiraa Abdallaan himaniiru.

Kallattiiwwanii fi murtoowwan yaa’ichaan darban gara hojiitti hiikuuf murannoo qabaachuu miseensonni kaabinee naannichaa mirkaneessaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.