Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Naannichaa Ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Kaabineen Naannoo Beenishaangul Gumuuz walga’ii ariifachiisaa guyyaa har’aa gaggeesseen Ajandaalee garaagaraarratti mari’aachuun murtoo dabarseera.

Kaabineen naannichaa Waajjira Pirojektii Misooma Hawaasa bifa haaraan hundeessuuf dambii dhiyaatee fi dhimmoota biroorratti mari’ateera.

Pirojektichi qabeenya umaamaa naannichi qabu gara faayidaa diinagdeetti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa mirkanneessuuf kayyeeffachuun hundaa’uun ibsameera.

Waajjirri Pirojektichaa ciminaan grmaa’ee kayyoo hundaa’eef galmaan ga’uuf dambii dhiyaaterratti mari’achuun raggasisuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Dabalaataniis qajeeltoo Abbootti qabeenyaa hojii qonnaarratti boba’an jajjaabessuuf ba’eerrattis mari’achuun murtoo dabarseera.

Pirojektichi Waajjira qindeessaa magaalaa Asoosaatti akka qabaatuu, akka barbaachisummaa isaattis waajjiraalee damee kan qabaatu ta’uu eerameera.

Sochii dhaabbilee daldalaa fi invastimantii waajjira pirojektichaa jalatti hundeeffamaan olantummaan kan hogganuu Boordiin Hundaa’uu eerameera.

Dabalataan kaabineen naannichaa qajeelfama abbootii qabeenyaa hojiilee qonnaa naannichaarratti bobba’an onnachiisuuf dhiyaaterratti mari’achuun murtoo dabarseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.