Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Magaalichaa Birrii biiliyoona 100.05 baajata 2015’f akka ragga’uuf murteesse

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee karoora baajataa 2015 Birrii biiliyoona 100.05 akka ragga’uuf Mana Maree Magaalichaaf akka dhiyaatee akka ragga’uuf murteesseera.

Kabineen magaalichaa guyyaa har’aa sagantaa duulaa Ashaaraa Magarii booda walga’ii idilee 11ffaa gaggeesseen, bulchiinsi magaalichaa baasii baroota 2015-2017 irratti kan mari’ate yoo ta’u, karooraa baajataa 2015 Birrii biiliyoona 100.05 Biiroo Maallaqaa fi Misoomaa Diinagdee magaalichaan dhiyaatee, Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaan akka ragga’u murteesseera.

Baajata magaalichaa keessaa Birrii biiliyoona 29.79 bifa deeggarsaan kutaalee magaalichaaf kan qoodamu, kan hafe Birrii biiliyoona 70.26 ammoo qaamolee raawwachiiftotaaf kan ramadameedha jedhameera.

Baajata qabame keessaa qooda olaanaa kan qabu baajata kaappitaalaa pirojektoota raawwachiisuuf ramadameedha.

Baajata qabame keessaa baajanni kaappitaalaa %54.87 kan qooddatu yoo ta’u, %42.29 ammoo baasii idileef kan ooluudha jedhameera.

Kan hafe %3.87 ammoo eeggannoof baajataa qabameedha.

Baajatichi bu’aa qabeessummaa galmoota bulchiinsi magaalichaa qabatee fi adda durummaan xiyyeeffannaa damee bu’uuraalee misoomaa, innooveeshinii fi indaastiriif kan kennameedha ibsame.

Baajatichis qabeenya qusannaan karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.