Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Magaalaa Finfinnee sadarkaa hojii Misooma Kooridarii qorate

Finfinnee, Sadaasa 2, 2017 (FBC)- Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee sadarkaa hojiin Misooma Kooridarii marsaa 2ffaan irratti argamu qorateera.

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 3ffaa waggaa 4ffaa gaggeesseera.

Waltajjichaan haala kaafamtoonni ittiin keessummaa’an, kaffaltiin beenyaa kan raawwatameef ta’uufi dhimmoonni biroon gabaasa dhiyaateen qoratameera.

Qindoomina bu’uuraalee misooma sadarkaa Bulchiinsaa Magaalaa hanga federaalaatti hirmaannaan turee akka fakkeenyaatti eerameera.

Lafa bakkaa bu’iinsaa kennuu fi beenyaaf Birriin biiliyoona 4.5 ol kaffalamuu, kiraan manaa kaffalamuu fi kafamtoota hafaniif qophiin duraa taasifame akka ciminaatti eerameera.

Odeeffannoo yeroon yeroon ummataan ga’uun akka barbaachisu, kanneen odeeffannoo burjaajessoo tamsaasan irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu hubachiiseera.

Misooma kooriidarii marsaa 2ffaan, bal’ina hektaara kuma 2 fi 879, dheerina kiiloo meetira 135, daandii asfaaltii kiiloo meetira 240, daandii imalatoota miilaa 237, dirree taphaa daa’immanii 32, bakka bashannanaa ummataa 79, buufata taaksii fi awutoobisii 114, bakka chaarjessa konkolaattota elektirikii 58, naannawaa magariisaa hektaara 368 kan qabu ta’uun ibsameera.

Dabalataan daandii biskiliitii kiiloo meetira 111, bakka shaakalaa Ispoortii 17, manneen qulqullinaa ummataa 106, sarara dhabamsiisa balfa dhangala’aa kiiloo meetira 182, sarara dhabamsiisa dhangala’aa kiiloo meetira 121, riqicha 50 fi kanneen biroon kan ijaaraman ta’uun ibsameera.

Pirojektii kanaaf hordoffii taasifamu cimsuu, muuxannoowwan misoomaa kooriidarii marsaa 1ffaarratti mul’atan marsaa 2ffaarraatti sadarkaa fooyya’aan hojjechuun akka barbaachisu, hojmaanni qindaa’aanis cimee itti fufuu akka qabuu akeekameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.