Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Tigraay hidhamtoota gadi lakkisuu ilaalchisee murtoo dabarse

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Tigraay adeemsa nageenyaa argame cimsuuf hidhamtoota yakkaan shakkamanii to’atamaniifi murtii seeraa jala jiran gadi lakkisuu ilaalchisee murtoo dabarseera.

Murtichi adeemsa naannicha deebisanii dhaabuu keessatti uummata isaanii akka tajaajilaniif ta’uu ragaan Waajjira Bulchiinsa Yeroo naannichaa ifoomseera.

Kaabineen bulchiinsa yeroo naanichaa walga’ii Eebla 6, 2015 gaggeesseen, himannaa hidhamtootaa addaan kutuun dhiifamaan akka gadi lakkifaman murteessuu ibsameera.

Bu’uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaan bulchiinsi yeroo hundaa’ee gara hojiitti galuu kan ibsame yoo ta’u, murtichi sochii hidhamtoota hiikuu mootummaa federaalaan eegalame jajjabeessuuf akkasumas mootummaa federaalaafi bulchiinsa yeroo naannichaa gidduutti wal amantaa uumuuf kan gargaaru ta’uu eerameera.

Murtichi naamusa olaanaafi saffisaan akka raawwatamuuf qamolee dhimmi ilaallatuuf dabarsuu ibsameera.

Murtichi Eebla 5, 2015 irraa eegalee hojiirra ooluu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.