Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen bulchiinsa magaalichaa walga’ii idilee gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee walga’ii idilee 10ffaa waggaa 1ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan dabarseera.
1.Lafa karaa haqa qabeessa ta’een misoomaaf oolchuuf iddooleen 89 haala pilaanii magaalichaa eegeen tajaajila mana jireenyaa, daldalaa fi tajaajila walmakaaf akka oolu ifatti caalbaasiif akka dhiyaatu murteesseera.
2. Hojjettoonni mootummaa magaalichaa gurmaa’uun iddoo ijaarsa mana jireenyaa akka argatan dambii qophaa’erratti mari’achuun hojjettoonni magaalichaa qajeelfama gurmuu fi akkaataa dizzaayinii magaalichaa eegeen ijaarsa mana jireenyaa akka raawwatan murteeseera.
3.Gamoowwan ijaarsarratti argaman of eeggannoo nageenyaa guutuu qaban, gamoowwan ijaarramanii xumuaramanis haala waliigalaa fi balaa dursanii ittisuufis ta’ee, wayita balaan muudate karaa ba’umsaa ilaalchisee sirreeffama dizzaayinii akka taasiisan, akkasumas adeemsi albuuda baasuu haal duree guutuu qabuu fi bu’uuraalee ittisa balaa guuttachuun balaa ga’uu danda’u dursanii ittisuuf adeemsa raawwii barbaachisoo ta’an guutuun gara hojii akka galan dambii murteessuuf ba’es raggaasiiseera.
4. Hanqina dhiyeessii Zayitaa muudate furuuf Birrii miiliyoona dhibba 4 deeggarsaaf ramaduu ragaan Waajjira kantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.