Fana: At a Speed of Life!

Kaaba Goondaritti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 23 darbe

Finfinnee, Hagayya 20, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Goondaritti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 23 darbuu ibsame.

Namoota 8 irra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Aanaalee 4 gandoota 11 keessatti balan kun mudachuu Waajjirri Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa godinichaa ibseera

Jiraattoonni kumni 2 fi 700 qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu eerameera.

Oomishni lafa hektaara kuma 1 fi 775 irratti misoomee ture barbadaa’uus himameera.

Sanbata duraa darbe godinichatti balaa walfakkaattuun lubbuun namoota 10 darbuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.