Fana: At a Speed of Life!

Kaaba biyyattiirraa lammiilee buqqa’an gargaaruuf hojjetamaa jiraachuu koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan beeksisan

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Kaaba biyyattiirraa lammiilee buqqa’an gargaaruuf hojjetamaa jiraachuu koomiishinarri Koomiishini Hoggansa Sodaa Balaa Mitikkuu Kaasaan beeksisan.
Deeggarsa qaqqabsiisuuf hojiin hojjetames har’a gamaaggamameera.
Deebisanii dhaabuu, tajaajila fayyaa, geejiba, nyaataa fi dhugaatii, dhaabbilee tajaajila ummataa hojiitti deebisuuf haalli mijataa jira jedhan.
Garee kanaan dura garas imalaniin dabalata, booru gareen shan garas ni qajeela.
Isaanis Ministeera Nageenyaa, Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota, Hojiilee Bishaanii, Fayyaa, Qonna, Geejiba, Daldalaa fi Indaastirii dabalata.
Wiirtuun ittisa balaas Goondar, Daanshaa, Maaykaadraa, Baakarii fi Aaddii Ramats ta’uun gara kaan qaqqabsiifama.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.