Fana: At a Speed of Life!

Jubaatti waliigaltee nageenyarra ga’aame Sudaan raggaasifte

Finfinnee, Onkolooleessa 3, 2013 (FBC)- Manni Maree Birmadummaa Sudaanii fi kaabiineen Sudaan waliigaltee nageenyaa Sudaan kibbaa Jubaatti waliif mallateessan raggaasisan.

Manni Maree Birmadummaa Sudaanii fi kaabiineen Sudaan waltajjii waliin taasisaniin finciltoota mariicharratti hirmaatan waliin waliigaltee nageenyarra ga’aame raggasisaniiru.

Manni Maree Birmadummaa Sudaanii fi kaabiineen Sudaan guyyoota 10 duraa waliigaltee nageenyaa Jubaatti gaggeeffame kan dinqisiifatan yoo ta’u, maricharratti kan hirmaataan ogeeyyii ministeeroota keessaa babba’aanii fi qaamoleen biroon tattaaffi taasisaniiru.

Guyyaa kaleessa paarlaamaa Sudaan kan of keessaatti haammate waltajjiin mana maree birmadummaa Sudaanii fi kaabiinee Sudaan Abdul Fattaa Alburhaan kan hoogganame ta’u beekameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Maddi፦ sudantribune.com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.