Fana: At a Speed of Life!

Jooseef Maagfuulii Taanzaaniyaatti Ityoophiyaanoota mana amala sireessaa keessa jiran gadi lakkisuuf murteessan

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Taanzaaniyaa Jooseef Maagfuuliin lammiilee Ityoophiyaa mana amala sireessaa biyya isaanii keessa jiran gadi lakkisuuf preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee wajjiin waliigaluu ibsan.
Preezdaantii Saahilawarq Zawdee fi Preezdaantiin Taanzaaniyaa Jooseef Maagfuuliin marii waloo erga taasisanii booda waloon ibsa taasisaniiru.
Preezdaantichi lammiileen Ityoophiyaa karaa seeraan alaa daangaa ce’uun Taanzaaniyaa galan mana amalaa sirreessaa keessaa akka jiran ibsuun, hidhamtoota kanneen gadi lakkisuuf preezdaantii Saahilawarq waliin marii’achuusanii ibsaniiru.
Preezdaanti Saahiwarq lammiilee Ityoophiyaa kunneen mana amalaa sirreessaa keessaa gadi lakkifamuun gara biyyaa ni deebi’u jedhaniiru.
Preezdaanti Saahiwarq gama isaaniitin, preezdaant Jooseef Maagfuulii waliin dhimma falannoo invastimaantiirratti mari’achuu ibsaniiru.
Akkasumaas afaan Sihuwaalii Ityoophiyaatti barsiisuuf qophiin taasifamuu akka isaan gammachiisee ibsuun Ityoophiyaan barsiisoota afaan Sihuwaalii simachuuf qophii ta’uu himaniiru.
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.