Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan, Yuukreen misaa’eela fageenya dheeraa Raashiyaatti akka dhukaastu eeyyaman

Finfinnee, Sadaasa 9, 2017 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Yuukreen misaa’eela fageenya dheeraa biyyattiin dhiyeessituuf Raashiyaatti akka dhukaastu yeroo jalqabaaf eeyyaman.

Pireezidaantiin Yuukreen Voloodmiir Zeleeniskiin dhorkaan misaa’eela ‘ATACMS’ jedhamu akka ka’uuf gaafachaa turan.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin warri Lixaa tarkaanfii akkanaa fudhachuurraa akka of qusatan akeekkachiisanii turan.

Tarkaanfiin akkanaa yoo fudhatame NATOn waraana Yuukreen keessatti ”kallattiin akka hirmaate,” agarsiisa jedhan.

Misaa’eelli ‘ATACMS’ jedhamu kun hanga kiiloo meetira 300 kan qaqqabu yoo ta’u, qondaalli Ameerikaa tokko Joo Baayidan murtoo kanarra kan gahan Raashiyaan loltoota Kooriyaa Kaabaa Yuukreeniin akka lolan eeyyamuun hordofee ta’uu ibsaniiru.

Haleellaan kunis guyyoota muraasa keessatti akka raawwatu eegama.

Baayidan fayyadama misaa’eelaa kanaa eeyyamuun Biriitaaniyaa fi Faransaayillee akka meeshaa kana Yuukreeniif eeyyaman taasisuu mala jedhame.

Ta’us murtoo Baayidan kanaaf Faransaayis tahe Biriitaaniyaan deebii kan hin kennine ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.