Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan sodaa Iraan naanniwichatti uumuu dandeessu haala qolachuun danda’amurratti biyyoota Galoo Galaanaa waliin har’a ni mari’atu

Finfinnee, Adoolessa 9, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan sodaa fi dhiibbaa Iraan naanniwichatti uumuu dandeessuu haala qolachuun danda’amurratti biyyoota Galoo Galaanaa waliin har’a ni mari’atu jedhame.
Pireezidaanti Baayidan xumura daawwannaa hojii naannichatti guyyoota afuriif taasiisaaniin biyyoonni galoo galaanaa dhimma Iraan irratti tumsa taasiisuu qabanii fi karoora ejjennoo Ameerikaan geddu gala Bahaarratti qabdu ifoomsaniiru.
Pireezidaanti Joo Baayidan magaalaa Buufata Galaana Diimaa Jiddaatti hoggantoota Ijipti, Yoordaanoosii fi Iraaq dabalatee hoggantoota biyyoota galoo galaanaa 6 waliin har’a ni mari’atu.
Walgahii Mana Maree Tumsa Galoo Galaanaa dura Waayit Haawus suuraa saatalaayitii qondaaltonni Raashiyaa torban darban keessa yeroo lama Iraan daawwatan gadhiisuun, daawwannaan kun duula Raashiyaan Yukreenitti gaggeessaa jirtuuf oomisha diroonii Teehran irraa argachuuf kaayyeffachuu agarsiiftuu ta’uu eerameera.
Hoggantoota biyyoota har’a yaa’icharratti hirmaatan keessaa Ameerikaa waliin ta’uun Raashiyaarratti qoqqoobbii kaa’uuf kan yaalan hin jiran jedhame.
Emireetoonni Araba Gamtoomanii iddoo ga’umsa biiliyeenaroota Raashiyaa ta’uu ishee ni himama.
Maddi:-Waashingitan Poosti
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.