Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan Raashiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2014 (FBC) –Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Tarsiimoo waliigaltee meeshaa waraanaa hir’isuufi to’achuu irratti Raashiyaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu ibsuun isaanii dhaga’ame.

Joo Baayidan kana kan ibsan gamaaggama Yaa’ii Farra Babal’iffannaa 10ffaa dura ibsa laataniin ta’uu ibsameera.

Bulchiinsi isaanii waliigaltee bara 2026tti xumuramu kan bakka bu’u qabiyyee waliigaltee to’annoo meeshaalee waraanaa haraarratti mari’achuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Chaayinaanis waliigaltee to’annoo niwukilara waraanaarratti marii taasisuu akka qabdu eeruu RTn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.