Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan preezdaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uun isaanii mirkanaa’e

Finfinnee, Muddee 29, 2013 (FBC) – Kongiraasiin Yuunayiitid Isteet Joo Baayidan kan filannoo preezdaantummaa Sadaasa darbe mo’ate preezdaantii biyyattii kan itti aanu ta’uu seeraan raggaasise.
Amma Joo Baayidan preezdaantii Ameerikaa 46ffaa ta’uun isaanii mirkanaa’eera.
Haaluma kanaan Joo Baayidan Preezdaantii, Kaamaalaa Hariis ammoo Itti Aantuu Preezdaantii Yuunayiitid Isteet ta’uu isaanii Kongiraasichi raggaasiseera.
Sagaleen elektoraal kan mirkanaa’an erga Seeneetiinii fi Bakka Bu’uunni Mana Maree mormii filannoo kutaawwan Pensilveeniyaa fi Arizoonaa kuffiisanii boodadha.
Marii idileen Kongiraasiin Roobii gaggeessaa ture hokkara deeggartoonni Donaald Tiraamp gamoo Kaappitaal Hiil cabsanii seenuun raawwataniin addaan cite ture.
Haata’u malee, mareen addaan cite ture erga mormitoonni gamoo keessaa baafamanii itti fufuudhaan mo’achuu Baayidan mirkaneesseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.