Fana: At a Speed of Life!

Joo Baayidan filannoo pireeezidaantummaa keessaa of baasan

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan filannoo Pireezidaantummaaf duula na filadhaa gaggeessa turanis, filannoo keessaa of baasuu isaanii beeksisaniiru.

Faayidaa paartii koo fi biyyaaf jecha filannoo keessaa baheera jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Baayidan filannoo pireezidaantummaa marsaa 2ffaaf irra deebiin filamuuf Doonaaldi Tiraampi waliin morkataa turan.

Pireezidaantichi Tiraamp waliin falmii filannoo baatii Waxabajjii gaggeessan irratti jabina agarsiisuu dhabuu isaaniin Paartiin isaanii dhiibbaa itti hammeessuu hordofee murtoo kanarra gahuu BBC fi CNN gabaasaniiru.

Pireezidaanti Baayidan lammiileen Ameerikaa sagalee kennuuf baatiwwan afur wayita hafetti dorgommii keessaa bahuu isaanii beeksisan.

Ammatti bakka isaanii paartii Dimookiraatikii bakka bu’ee namni dorgomu hin beekamne.

Joo Baayidan ammoo Pireezidaantii Itti Aantuun Ameerikaa Kamaalaa Hariis akka bakka buutu yaada dhiheessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.