Fana: At a Speed of Life!

Johaan Ruupart sooressa sadarkaa 1ffa Afrikaa ta’e

Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC) – Lammiin Afrikaa Kibbaa Johaan Ruupart qabeenya Doolaara biiliyoona 14.3 baasu horachuun sooressa sadarkaa 1ffa Afrikaa ta’uu ibsameera.

Johaan Ruuparti Sooressa Afrikaa sadarkaa 1ffaa kan turan Aliikoo Daangootee caaluun Sooressa sadarkaa 1ffaa Afrikaa jedhaman.
Aliikoo Daangooteen qabeenya Doolaara biiliyoona 13.4 horachuun sadrkaa 2ffaa qabataniiru jedhame.

Sooressi biroo Afrikaa Kibbaa Niikii Oopiinheemar qabeenya Doolaara biiliyoona 11.3 baasu horachuu Sooressa sadarkaa 3ffaa Afrikaa yoo ta’u, Arjaan Ijipti Naasiif Saawuriis ammoo qabeenya Doolaara biiliyoona 9.7 baasu horachuun Sooressa sadarkaa 4ffaa Ardii Afrikaa ta’uu ‘Bloonbarg’ gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.