Fana: At a Speed of Life!

Jirraan/Qabsiisoon Ispoortii akka dhorkamu hojjetamaa jira – Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Jirraan Ispoortii/ Beetkiingiin akka dhorkamu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise.
Jirraan Ispoortii namuusaa fi ijaarsa guddattootaa, akkasumas miidhaan hawaasummaa fi diinagdee qaqqabsiisu hammaachaa dhufuu isaa hordofee dhorkamuu akka qabu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaatti bakka bu’aan Daayrektara Misooma Namuusa Guddina Dargaggootaa Obbo Abbabaa Hayimaanoot ibsaniiru.
Jirraa Ispoortii kana ittisuuf waltajjiiwwan marii garaagaraa gaggeeffamaa turuu eeraniiru.
Qorannoo yeroo adda addaatti taasiifameen Jirraan Ispoortii dargaggootaa fi guddattootarratti rakkoolee garaagaraa qaqqabsiisaa jiru Tta’uugamaaggamamuu himaniiru.
Jirraan/Qabsiisoon Ispoortii guddattootas ta’ee namoota buleeyyii gara hin taaneetti fudhachuun kufaatii hawaasummaa fi diinagdeef kan isaan saaxilu ta’uu ibsameera.
Adeemsichi yaada hojjetanii jijjiirramuu kan quucarsee fi maatii kan diige ta’uu ibsameera.
Dargaggoonni hojjetanii jijjiirramuurra karaa qaxxaamuraan duroomuuf jecha jireenya isaanii dhabaa jiraachuu fi oomishaa fi oomishtummaa guddisuurratti dhiibbaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu Obbo Abbabaa ibsaniiru.
Dhiibbaa xinsammuu, nuffii fi hanga lubbuu of balleessutti rakkoo geessisaa jiraachuu isaan tarkaanfii ariifachiisaa fudhachuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Miidhaa geessisaa jiru yaada keessa galchuun dhorkamuu akka qabu qaama dhimmi ilaallatu waliin hojiin beeksiisu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ministeerichi itti gaafatamummaa qabu bu’uura godhachuun waltajjiiwwan garaagaraa qopheessuun dhaabbilee eeyyama laatan Ministeera Daldalaa fi Bulchiinsa Lootarii Biyyaalessaaf hojii hubannoo uumuu hojjachaa turuu ibsaniiru.
Dhaabbileen kunneen qooda irraa eegamu sirnaan ba’uu dhabuun isaaniin murteen darbuu qabu akka turuuf sababa ta’uu obbo Abbabaan eeruu EBCn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.