Fana: At a Speed of Life!

Jireenya lammiilee fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Jireenya lammiilee fooyyessuu fi fayyadamummaa jiraattootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech har’a Qa’ee Jireenyaa fi Misooma Qindaa’aa Galaan Guraa eebbisiisuun Kaafamtoota misoomaa naannawaa Qarsaa ka’aniif dabarsuu ibsaniiru.

Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu fi hawwattuu taasiisuuf haaluma waadaa galleen Jireenya lammiilee fooyyessuu fi fayyadamummaa jiraattootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jirra jedhan Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Jiraattota manneen jireenyaa dulloomaanii fi moofa’an keessaa baasuun mana jireenyaa ammayyaa fi naannawaa hawwataatti galchaa jirraa jechuun ibsaniiru.

Kanaanis hojii jireenya namaa jijjiiruu hojjenneerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.