Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni naannoo Afaar meeshaalee waraanaa qaban kamiiyyuu qabachuun akka duulan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2014 (FBC) – Jiraattoonni naannoo Afaar meeshaalee waraanaa qaban kamiiyyuu hidhachuun humna addaa naannichaa fi Raayyaa Ittisaa cinaa akka dhaabbatan mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesse.
Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan ummanni naannichaa diina Ityoophiyaa diiguu fi bittinneessuuf socho’aa jiru qolachuuf Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa naannichaa cinaa akka hiriiiran waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT aanaalee naannichaa tokko tokko seenuuf yaalus adabbii cimaa adabamuun hari’amuu ibsaniiru.
Iddoolee to’atee ture tokko tokkotti daa’immanii fi dubartootarratti yakka suukanneessaa raawwachuu eeraniiru.
Bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu himaniiru.
Maddi:-DhPI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.