Jiraattoonni magaalichaa deeggarsa duula birmadummaa biyyaaf taasisuu cimsee akka itti fufuu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Sadaasa 7, 2014 (FBC)- Jiraattoonni Magaalaa Finfinnee deeggarsa duula birmadummaa biyyaaf taasisuu cimsee akka itti fufuu Manni Maree Waloo Paartiilee Morkattootaa Magaalichaa waamicha dhiyeesseera.
Manni Maree Waloo Paartiilee Morkattootaa Magaalaa Finfinnee weerara humnoota badii ittisuuf ciminaan hojjechuu akka qabaniis ibseera.
Manni Marichaa haala yeroorratti miiyadaleef ibsa kenneera.
Itti gaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Paartichaa Obbo Abbabaa Akaaluu, ittisa humna badiirratti jiraattoonni Magaalaa Finfinnee tumsa barbaachisu hunda akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.
Manni Marichaa duula birmadummaa biyyaa eegsisuuf taasifamuuf qabeenya walitti qabuuf koree hundeessuun hojii kan jalqabe ta’uunis himaniiru.
Akka EBC’n gabaaseetti miseensonni paartiilee fi hawaasni karoorri mana marichaa akka milkaa’uuf deeggarsa taasisuun akka barbaachisus himameera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna