Jiraattoonni magaalaa Mattuu injifannoo hooggansa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif hiriira deeggarsa bahan
Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Jiraattonni godina Iluu Abbaa Booraa bulchiinsa magaalaa Mattuu injifannoo Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaan argame cina ni dhaabanna jechuun hiriira deeggarsaa bahaaniiru.
Hiriira kana irrattis dhaadannowwan garagaraa dhageessisaa jiru.
Dhaadannoowwan dhageessisan keessaayis Dooktar Abiy qaroo keenya ni eggana, injifannoon hoggansa isaaniitin argames kan uummata Oromoo mara waan ta’eef ni tikfanna’ jedhaniiru.