Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Jimmaa motar saaykiloota bituun poolisoota magaalichaaf gumaachaan

Finfinnee, Muddee 19, 2012 (FBC) – Jiraattootni magaalaa Jimmaa qarshii 467,000n motar saaykiloota bituun polisoota magaalichaaf gumaacha taasisan.

Gumaacha kana kan taasisan jiraattoota magaalichaa ganda shan keessatti argaman yoo ta’u, poolisootni rakkoon tokko male iddoo garagaraa qaqqabanii seera akka kabachiisan taasisuuf.

Abbaan adeemsa hojii nageenya mirkaneessaa polisii magaalaa Jimmaa aanaa lammaffaa saajin Jamaal Hajii gargaarsii hawaasni magaalichaa taasise kun hagam poolisiirraa amantaa akka qabuu fi nageenya isaa mirkaneessuuf fedhii qabu kan agarsiisu ta’uu himaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Makiyyuu Mahammad gama isaaniitiin hubannoo seeraa hawasichaa cimsuuf leenjiin hubannoo kennamu hawaasni magaalichaa nageenyi ilma namaaf hagam barbaachisaa akka ta’e hubataa dhufuu isaa eeraniiru.

Kanaafis qaamoolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun nageenya isaa mirkaneessuf sochiin inni taasisaa jiru kan dinqisiifamu ta’uu himaniiru.

Jiraattootni magaalichaa gumaachicha taasisan, kun kan jalqabaa male kan xumuraa akka hi taane eeruun olaantummaa seeraa kabachiisuuf qaamoolee seeraa cinaa akka dhaaabatan dubbataniiru jechuun Muktaar Xahaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.