Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Galaan gocha badii murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarraatti raawwate balaaleffatan

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Godina addaa naannawa Finfinneetti jiraattoonni bulchiinsa magaalaa Galaan gocha badii murni ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarraan ga’e kan balaaleffatan ta’uu hiriira ba’uun ibsaniiru.

Jiraattoonni kunneen humni kun yeroo gabaabaa keessatti seeratti dhiyaachuu qaba jedhaniiru.

Tarkaanfiin mootummaan fudhataa jirus cimee itti fufuu qabaan dhaamaniiru

Dabalataniis sangoota 37 fi Birrii kuma 200 arjoomaniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajajaan kutaa waraana Dajan B/Jeneraal Gizaaw Uumaa deeggarsa ummanni Raayyaa Ittisa Biyyaatiif taasiseef galateeffataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.