Jiraattoonni magaalaa Finfinnee nageenyaa magaalichaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasisaan kan dinqisiftamudha-Dr Qana’aa
Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC)- Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Finfinnee Dooktar Qana’aa Yaadataa jiraattoonni magaalaa Finfinnee nageenyaa magaalichaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasisaan kan dinqisiftamudha jedhaniiru.
Dooktar Qana’aan ibsa miidiyaleef laataniin, nageenyi magaalaa Finfinnee akkuma duraaniitti jira akka miidiyaleen biyyoota lixaa odeessaan miti jedhaniiru.
Qaamolee nageenyaa magaalaa fi federaalaa waliin ta’uudhaan hojii sakattoo taasisaniin meeshaaleen waraanaa kanneen akka kilaashii, bombii fi kanneen biroo to’atamaniiru jedhan.
Akka ibsa isaaniitti meeshaleen kunneen osoo to’atamuu baatanii rakkoon hamaa qaqqabuu danda’a ture jedhaniiru.
Sakkattoo taasifameen waraqaaleen eenyummaa sobaa to’atamuu himaniiru.
Maallaqni biyyoota alaa karaa seeraan alaa hojii shororkeessuummaatiif oolan to’atamaniiru jedhan.
Uffanni seeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa, kan garee shororkeessaa to’atamuusaanii ibsaniiru.
Keessattu uffata seeraa garee ABUT uffachuun Finfinneetti suuraa ka’uudhaan Finfinnee to’anneerra jedhanii olola labsuuf yaadanii akka turaniis Dooktar Qana’aan dubbataniiru.
Nageenya magaalichaa mirkanneessuu keessatti gaheen lammiilee irra caalaatti jiraattoonni magaalichaa shooraa olaanaa taphachaa jiru waan ta’eef kan dinqisifamuudha.
Jiraattoonni magaalichaa deeggarsa qaamolee nageenyaa taasisaan cimsanii akka itti fufaan dhaamaniiru.
Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa hojjettoota isaaniif waraqaa eenyummaa idilee laataan gochicharra akka of qusachuu qabanis dhaamaniiru.
Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna