Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni magaalaa Finfinnee hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa gaggeessuu eegalaniiru

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) – Jiraattoonni magaalaa Finfinnee hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee shororkeessitootaa mata duree “Aarsaa nan kanfala, Biyyaa koo nan eega!’’ jedhuun addabaabayii masqalaatti gaggeessuu eegalaniiru.

Juuntaan diina Ityoophiyaati, Itti gaafatamummaan keenya seenaa qabeessa, weerartuu diinaaf hin jilbiiffannu, nuti osoo jirruu Ityoophiyaan hin diiggamtu, eenyummaa diina alaaf jilbiiffachuu hin qabnu, Ityoophiyaan lola bakka bu’iinsaaf hin jilbiiffattu, muul’ata Ityoophiyaa eenyuyyuu hin dhaabsiisu, weereegama kaffaluun Ityoophiyaa itti fufsiisna dhaadannoowwan jedhuun ummanni magaalicha hiriira balaalleffannaa gaggeessaa jiru.

Hiriirri kun agarsiisa garaagaraas ni qabaataan eegama.

Hiriirtoon yeroo ammaa dhaadannoowwan dhageessisaa kallattii hundaan gara Addabaabayii Masqalaatti imalaa jiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.