Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni aanaa Jiddaa lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina shawaa Kaabaa Aanaa Jiddaa midhaan nyaataa fi nyaata loonii jiraattoota Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhamaniif deeggarsa taasiisaniiru.
Jiraattoota godinaalee Oromiyaa adda addaa sababba jijjiirama qilleensaan hongeef miidhaman baraaruuf deeggarsi midhaanii nyaataa fi nyaata horii taassifamuu Bulchaan aanichaa obbo Takilemaariyaam Girman ibsaniiru.
Deeggarsi eegalame kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Jiraattoonni aanichaa miidhaa sababa hongeen ummataa fi loon Booranaa mudate furuuf deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf kutanannoo qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Dabalataanis deeggarsa taasisan cinaatti ,loon sanyii Booranaa baraaruuf mootummaan haala yoo mijeesse naannoo isaaniitti simatanii tursiisuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.
Akkasumas hanga lammiileen kunneen rakkoo keessaa ba’anitti deeggarsa taasiisuu kan itti fufan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii aanicharraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.