Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Aanaa Dandii Uummata Oromoo hoongeen miidhamaa jiraniif deeggarsa midhaan nyaataa taasisan

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) Godina Shawaa Lixaatti jiraattoonni Aanaa Dandii uummata Oromoo hoongeen miidhamaa jiraniif deeggarsa midhaan nyaataa kumtaala 400’tti taasisuu  bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Yeroo rakkoo duudhaa walgargaarsaa kan qabu Uummanni Oromoo lammiilee sababa dheerachuu caamaan miidhama namaa fi beelladaa irra gahaa jiru damdamachiisuuf qonnaan bulaan waan qotatee galfaterraa, daldalaan qabeenya isaarraa haawasni jireenya isaarraa qooduun deeggarsa taasisuu Bulchaan Aanaa Dandii Obbo Tashoomaa Xaafaa himaniiru.

Deeggarsichi guyyoota 3 hin caallee keessatti walitti qabamuu fi midhaan gosa garaagaraa kumtaalli 400 Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4’tti tilmamaamu walitti qabamuu ibsaniiru.

Fulduraattis lammii isaaniif deeggarsa taasisuu kan itti fufan ta’uu jiraattonni aanichaa ibsuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.