Fana: At a Speed of Life!

Jiraattoonni Aanaa Ciroo Misooma barnootaaf Sangoota 16 fi Birrii kuma 50 ol arjooman

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Jiraattoonni Godina Harargee Lixaa aanaa Ciroo ganda Ijafaraa Misooma barnootaaf Sangoota 16 fi Birrii kuma 50 ol arjoomaniiru.
Hojiilee kenna tajaajilaa lammummaan hojjetamaa jiran keessaa tokko ijaarsa manneen barnootaa yoo ta’u, jiraattoonni aanaa ciroo ganda ijafaraas ijaarsa mana barumsaa bu’uura sangoota 16,Re’ee fi Hooloota hedduu, akkasumas maallaqa callaa Birrii kuma 50 walitti qabuun arjoomaniiru.
Itti aanaan Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obbo Zarihuun Ijjataan, bara darbe sadarkaa godina harargee Lixaatti manneen barnoota bu’uura boruu 302 ijaaramuu himaniiru.
Bara kanas manneen barnootaa 520 ijaaruuf karoorfamee keessaa hanga ammatti ijaarsi manneen barnootaa 315 eegalamuu himaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa Aanaa Ciroo Obbo Yaayyaa Husseen,Ganna kana hirmaannaa Ummataan manneen barnoota bu’uura boruu sadarkaa1ffaan ijaaruuf karoorfanne 40 keessas hanga ammatti manneen barnootaa 23 xumurarra ga’uu ibsaniiru.
Jiraattoonni aanichaa ijaarsa manneen barnootaa bu’ura boruuf Sangoota 46 fi Birrii miiliyoona 1 ol arjoomuu himuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii godina Harargee Lixaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.