Fana: At a Speed of Life!

Jiraattooni Godina Shawaa Kaabaa aanaa Kuyyuu fi Magaalaa Garba Gurraachaa hiriira ba’uun shanee balaaleffatan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) –Jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu fi Bulchiinsa Magaalaa Garba Gurraachaa hiriira ba’uun garee shororkeessaa Shanee fi finxaleeyyii Amaaraa balaaleffatan.

Tarkaanfii Shaneerratti gama mootummaan fudhatamaa jiru cimee itti fufuu akka qabus hirmaattoonni hiriirichaa gaafataniiru.

Shaneen waggoota darban keessa sochii shororkeessummaa taasisaa tureen, gocha farra namummaa fi gara jabummaa garaagaraa hawaasaarratti raawwachaa tureera.

Jiraattoonni aanaa Kuyyuu fi Gabra Gurraachaas, gochoota shororkeessummaa fi dararaa gareen badii hawaasa aanichaa irraan gahaa ture hiriira ba’uun balaaleffataniiru.

Hirmaattoonni hiriirichaan Shanee fi finxaleeyyiin Amaaraa diina ummata Oromoo ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii godina Shawaa Kaabaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.