Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni naannawaa balfa “Qoshee” yaaddoo balaa keessa jiran hatattamaan ni kaafamu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Jiraattonni magaalaa Finfinnee naannawaa balfa “Qoshee” jedhamuun beekamuufi yaaddoo balaa keessa jiran yeroo gabaabaa keessatti kan kaafaman ta’uu ibsame.

Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Hojii Gaggeessaan Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaan sadarkaa hojii jiraattota naannawaa Qoshee kaasuuf hojjetamaa jiru miseensota kaabinee magaalichaa biroo waliin ta’uun daawwataniiru.

Obbo Xiraatuun, Kanaan dura warreen yaaddoo balaa cimaa qaban kaafamuu yaadachiisuun, jiraattota 25 hafaniif beenyaafi bakki biroon qophaa’uufi yeroo gabaabaa keessatti kan kaafaman ta’uu eeraniiru.

Namoonni 300 ol karaa seeraan alaa sharaa dhisuun naannawicha jiraatan waan jiraniif hojiin yaaddoo balaa malee akka jiraatan taasisuu saffisaan hojjetamuu qaba jechuu ragaan Komishinii Hoggansa Sodaa Balaafi Ibiddaa magaalicharraa argame ni mul’isa.

Kanaan dura naannawaa balfa “Qoshee”tti balfi goggogaan jiguun namaafi qabeenyarra miidhaa geessisuun kan yaadatamudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.