Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa waldiyaafi aanaa Gubbaa Laaftoo RIB’f dhiiga arjooman

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015(FBC)-Godina Walloo Kaabaatti jiraattoonni magaalaa Waldiyaafi aanaa Gubbaa Laaftoo mata duree “ lubbuu isaa kennaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiigaa keenya arjoomuuf duubatti hin jennu” jedhuun Raayyaa ittisa biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Humna shororkeessaa ABUT dhabamsiisuuf adda waraanaa garaagaraan aarsaa kaffalaa kan jiru Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga keenya arjoomuun gahee keenya ni baana jedhan namoonni yaada isaanii nuuf qoodan.

Jiraattoonni Godina Walloo Kaabaa dhiiga arjoomuun cinaattis hanga adda waraanaatti imaluun deeggarsa adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisaa jiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.