Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni magaalaa Sulultaa daandiin keessa keessaa waggoota 40 dura ijaarame suphaa dhabuun rakkoof nu saaxile jechuun komatan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2014 (FBC) – Jiraattonni magaalaa Sulultaa ganda Qaasoo Wasarbii daandiin keessa keessaa waggoottan 40 dura buufata saatalaayitii Sulultaaf ijaarame suphaa dhabuun rakkoof nu saaxileera jechuun komatan.

Daandichi akka nuuf suphamuu waggoottan sagalii oliif gaaffii dhiyyeessinus deebii dhabneerra jechuun komii qaban ibsataniiru.

Kantiibaan magaalaa Sulultaa Aadde Liidiyaa Caalii Komii jiraattotaa  quba kan hin qabne ta’uu kaasuun , bara kana daandicha suphuuf karoorri qabame hin jiru jedhaniiru.

Hoji gaggeessaan Mana qopheessaa Magaalaa Sulultaa Obbo Darajjee Yaa’ii gamasaaniin daandichi Ityoo Teleekoomiin kan ijaarame waan ta’ef akka Ityoo Teleekoom suphu gaafachuun deebii isaa eegaa jiraachuu fi daandii aspaaltii suphuuf  humna kan hin qabne  ta’uu fi  yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti cirrachaan suphuuf waadaa galaniiru.

Ityoo Teeleekoom gamasaan gaaffiin suphuu dhiyaateef kan hin jirre ta’uu fi gaaffiin yoo dhiyaate mari’achuun deeggarsa barbaachisu taasiisuuf qophii ta’uu Daayreektarri Kominikeeshinii Ityoo Teelekoom Obbo Masaay Wubsheet  himaniiru.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.