Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Magaalaa Adaamaa fayyadamoo gabaa ‘Oro Fresh’ ta’uu eegalan jedhame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Jiraattonni Magaalaa Adaamaa fayyadamoo gabaa ‘Oro Fresh’ ta’uu eegaluu itti aanaa Kantiibaa magaalichaa  Obbo Mahaammad himaniiru.

Qaala’insa gatii meeshaalee furuuf hojii hojjetamaa jiruun dhaabbanni ‘Oro Fresh’ kanaan dura magaalaa Finfinneetti gatii madaalawaa ta’een oomisha isaanii dhi’eessuun ummanni magaalichaa fayyadamaa jiraachuun ni yaadatama.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaas dhaabbaticha waliin marii gaggeesseen oomishni ‘Oro fresh’ akka uumataaf dhiyaatuuf walii galtee irra ga’uun torbeetti guyyaa lama Sambataafi Dilbata dirree Masqalaa magaalichaatti bittaa fi gurgurtaan akka geggeeffamuuf sagantichi guyyaa har’aa ifatti saaqamuu jalqabu himaniiru.

Rakkoo gama qaala’insa gabaan mul’achaa jiru furuuf magaalichi xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu kan ibsaniiru.

Daldalatoonni hunduu seera eeguun daladaluu fi jiraattonnis hojii qaala’insa gabaa tasgabbeessuuf magaalichi hojjechaa jiru tumsuun fiixa ba’iinsa isaa akka milkeessan dhaamaniiru.

Jiraattoonni magaalaa Adaamaas bifa qaala’insa gatiif saaxilamuu hin dandeenyeen dhi’eessi kallattiin qonnaan bultootarraa karaa gabaa ‘Oro Fresh’ dhiyaatu irraa fayyadamoo akka ta’an waamicha dhiheessuusaanii ragaan BDHKMNO irra argame ni muuldhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.