Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Goondar Kibbaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan cimsanii itti fufuu ibsame

Finfinnee, Muddee 4, 2014 (FBC) – Jiraattonni Goondar Kibbaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisan cimsanii itti fufu bulchiinsi godinichaa beeksiise.
Itti aanaan bulchaa godina Goondar Kibbaa obbo Xilaahuun Dajanee turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasisaniin,godina Goondar Kibbaatti hojjettoota mana hojii mootummaa godinichaarraa miindaa ji’aan argatanirraa waggaatti Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 40 ol walitti qabuun deeggarsa taasisuuf karoorfame keessaa ji’oottan 5’nan darbanitti Birrii miiliyoona 96 ol walitti qabu himaniiru.
Hawaasa daldalaa godinichaarraa Birrii miiliyoona 98 walitti qabuf karoorfamee Birriin miliyoonni 45 hanga ammaatti sassaabamuu obbo Xilaahuun Dajaneen himaniiru.
Gama biraan qonnaan bultoota godina Goondar Kibbaarraa deeggarsa humnoota adda waraanaa jiraniif taasisuuf karoorfamee Birrii miliyoona 132 keessaa birriin miiliyoona 27 hanga ammaatti sassaabamuu eeraniiru.
Jiraattonni godinichaa Birrii miliyoona 17 deeggarsa taasisuuf waadaa galan keessaa Birrii miiliyoona 10 hanga ammaatti galii taasisuunis himameera.
Walumaagalatti hanga ammaatti deeggarsa maallaqaan kutaalee hawaasa godinichaarraa argameen birriin miiliyoonni 178 walitti qabamee tajaajila barbaadamuuf ooluu obbo Xilahuun ibsaniiru.
Midhaan nyaataa kuntaalli 1982 fi sangoonni 382deeggarsaan laatamuu eeraniiru.
Guyyaatti biddeenni lakkoofsaan kuma 5 – kuma 20 hawaasa godinichaarraa sassaabamuun dhiyaachaa jiraachuu itti aanaan bulchaa godina Goondar Kibbaa fi qindeessaan dhimma loojistiksii adda waraanaa Gaashanaa obbo Xilaahuun Dajanee FBC’tti himaniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.