Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni godina Geede’oo lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 6 ol taasisan

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Jiraattonni godina Geede’oo lammiilee naannoo Amaaraa fi Affaar qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 6 olitti tilmaamamu taasisuu ibsame.

Jiraattonni godinichaa mata duree meeshaa tokko mana tokkoo jedhuun deeggarsa meeshaalee taasisuu hoggantuun qajeelcha dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii godinichaa aadde Iteenash Bayyanaa ibsaniiru.

Jiraatonni kunneen guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane guyyaa gaddaas wal bira dhaabbachuun aadaa Ityoophiyaanotaa ta’uu ibsaniiru.

Nuti osoo jirruu lammiileen kunneen rakkachuu hin qaban jechuun waan qabanirraa deeggarsa taasisuuf murteessuu eeraniiru.

Deeggarsi jiraattonni godiinichaa lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif taasisan kan cimee itti fufu ta’uu aadde Iteenash ibsaniiru.

Taariknash Seetaatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.