Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Godina Arsii maaliif hiriira ba’an?

Finfinnee, Sadaasa 5, 2017 (FBC)- Jiraattoonni Godina Arsii aanaalee garaagaraa hiriira ba’uun qaamolee hidhatanii bosona jiraniif waamichaa nagaa taasisaniiru.

Godinichatti, qaamni hidhatee bosona keessa socho’uun hawaasa dararaa jiru, mootummaan waamicha isaaniif taasise fudhachuun akka karaa nagaan harka kennatan hiiriraa nagaa ba’uun gaafataniiru.

Hiriiraa nagaa Aanaa Muunessaatti gaggeeffamerratti kutaaleen hawaasa garaagaraa, abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Jaarsolii biyyaa, barattoota, barsiisonni hirmaataniiru.

“Tokkummaa keenya itti haa fufsiisnu”, “duuti haadhaa bu’aa nuuf hin qabu”, “Sababa nageenyaatiin misoomni gufachuu hinqabu”, “Qe’een Oromoo nagaa ta’uu qaba” dhaadannoo jedhu dhageessianiiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.