Fana: At a Speed of Life!

Jiraattonni Finfinnee duula biqiltuu dhaabuu boriirratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 16, 2016 (FBC)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee duula Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuu boru gaggeeffamurratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Jirattonnii magaalattii duula biqiltuu dhaabuu sadarkaa biyyaalessaatti gaggeeffamurratti hirmaachuun injifannoo ida’amaa fi dabalataa waloon haa galmeessinu jedhaniiru.

“Gamtaan baanee haa dhaabnu; dhaloota dhufuufis Ashaaraa haa keenyu!” jechuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.