Fana: At a Speed of Life!

Ji’oota saglan darbanitti Birri miiliyoona 136  diyaaspooraarraa walitti qabame

 

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (FBC)- Ji’oota saglan darbanitti diyaaspooraarraa ijaarsa hidha haaromsaaaf  Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 36 deeggarsi walitti qabamuusaa, Eejansiin Diyaaspooraa Itoophiyaa beeksise.

Akka gabaasa TOI tti, Piroojektii maaddii biyyaafis Birrii miiliyoona 30’tti siqu kan gumaachame.

Daariktarri Olaantuun Ejansii Diyaaspooraa Itoophiyaa Aadde Salaamaawit Daawit, deeggarsichi kan walitti qabame, bittaa boondii ,kennaa fi sagantaalee galii walitti qabuurra ta’uu himaniiru.

Deeggarsi hanga ammaatti bara kana walitti qabame kan bara darbeen harka 50 caalmaa qaba jedhaniiru Aadde Salaamaawit.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.