Jimmatti Barattoonni Sagantaa Itiyoo koodarsiin leenji’an 842 eebbifaman
Finfinnee, Bitootessa 7, 2017 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti Barattoonni Sagantaa Itiyoo koodarsiin leenji’aa turan 842 eebbifamaniiru.
Itiyoo koodarsiin mata duree “Itiyoophiyaa dijitaalaaf” jedhuun barattoonni onlaayiniin leenjii Itiyoo Koodarsii hordofaa turan 842 sartafikkeettiin eebbifamaniiru.
Barattoonni,barsiisonni,hojjettoonni mootummaa fi miti mootummaa leenjicha hordofaa turaniiru.
Itti Aanaan Biiroo barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayyisaa sagnaticharratti haasawaa taasisaniin, inisheetiiviin Minisitira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin qophaa’ee kun imala Itiyoophiyaa Dijitaalaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Sagantaan Itiyoo koodarsii walta’iinsa Mootummaa Araba Emiireetiin Itiyoophiyaanota Miiliyoona shan fayyadamoo taasisuuf kan eegalame ta’uun ni yaadatama.
Muktaar Tamaamitu gabaase.