Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti yakkamaan haala sukkanneessaan haadha manaa isaa ajjeese hidhaa umurii guutuun adabame

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti yakkamaan haala sukkanneessaan haadha manaa isaa ajjeese hidhaa umurii guutuun adabameera.

Yakkamaan Tamaam Abdallaahii jedhamu Onkolooleessa 18, 2015 tilmaamaan halkan keessaa sa’atii 10:00tti haadha manaa isaa Saaliyaa Mahammad jedhamtu haala sukkanneessaan ajjeesuun miliquuf yaaleera.

Haa ta’uutii poolisiin magaalaa Jimmaa hordoffii taasiseen yakkamachi Onkoloolessa 19, 2015 magaalaa Walqixxeetti too’annaa jala ooleera.

Bu’uuruma kanaan yakkamacha irratti himatnii banamee dhimmi isaa mana murtii olaanaa godina Jimmaatti ilaalamaa turuu qajeelcha poolisii magaalaa Jimmaatti hogganaan diiviizyiinii kominikeeshiinii fi miidiiyaa itti aanaan komaandara Gazzahaanyi Aguchoon FBCtti himaniiru.

Manni murtii olaanaa godina Jimmaas yakkicha ragaa namaafi waraqaan qulqulleessuun dhaddacha guyyaa har’aa ooleen yakkiamicha hidhaa cimaa umurii guutuun akka adabamu itti murteessuu eerameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.