Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen addaddaa deeggarsa laatan

Finfinnee, Eebila 10, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaa godina Jimmaatti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen addaddaa deeggarsa Birrii miiliyoona 18 laatan.

Deeggarsichi meeshaalee qulqullinaa (saamunaa, alkoolii, saanitaayzarii) fi oomishaalee nyaatati.

Dabalataan deeggarsa Birrii miiliyoona 4 fi kuma dhibba 5, hoteelota tursaaf oolan 2, konkolaattota 5 laachuu isaanii bulchaan godinichaa obbo Abdulhakiim Muluun himaniiru.

Tumsichi namoota harka qalleeyyii fi weerara vaayrasichaa ittisuuf oola.

Amma ammaatti godinichatti aanaalee 21tti barnoonni hubannaa uumuu kennamuu itti gaafatamaan waajjira fayyaa godinichaa obbo Yasuuf Shaafiin himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.