Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti projektoonni Birrii miiliyoona 300 fi  miiliyoona 38 ijaaramaa jiran raawwii gaariirra jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti projektoonni Birrii miiliyoona dhibba 3fi miiliyoona 38 ijaaramaa jiran raawwii gaariirra jiraachuu ibsameera.

Magaalichatti projektoota 26 ijaaramaa jiran keessaa muraasni daawwatamaniiru.

Manni barumsaa Ifa Boruu baatii 8’n dura eegalame yeroo ammaa % 96 irra qaqqabuusaa fi barattoota 300 simachuunsaa himameera.

Projektiin misooma qarqara Aweetuu, riqichii, bo’oon lolaa fi daandiin keessaa raawwii gaarii galmeesisuu itti aanaan mana qopheessaa magaalaa Jimmaa obbo Asraat Isheetuu dubbataniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Jimmaa obbo Kaasahuun Joobir akka jedhanitti, projaktoonni ijaaramaa jiran yeroo qabameefitti dursanii akka xumuramaniif hordoffii fi to’annoo cimaan taasifamaa jira.

Projektoonni magaalicha keessatti hojjetamaa jiran rakkoo hawaasummaa fi diingdee jirattoota kan hiikan akka ta’e kantiibaan magaalichaa obbo Najiib Abbaa Raayyaa dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.