Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti namoota rakkoo dhageettii fi dhibee ijaa qabaniif tajaajilli yaala bilisaa kennamuufi

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) –Yuunvarsiitin Jimmaa Staarkeey Hiiriing Faawundeeshin, Proojaktii Kaataraaktii fi Tajaajila Viizhin Keer Ityoophiyaa waliin tajaajila yaala bilisaa laachufi.

Tajaajila yaala bilisaa kanaan namoota rakkoo dhageettii qabaniif meeshaan deeggarsa dhageettii gurraa dabalu bilisaan ni kennama.

Deeggarsicha dhaabbataa Staarkeey Hiiriing Faawundeeshin jedhamuu fi giddugala yaalaa fayyaa Yuunivarsiitii Jimmaa waliin ta’uun bilisaan ni laatu.

Arjooma meeshaa kanaan namoonni rakkoo dhageettii qaban 1000 ta’an fayyadamoo ni ta’u jedhameera.

Namoonni rakkoo dhageetti qaban naannichatti argaman Bitootessaa 2 haga 3, 2012 mooraa guddicha Yuunivarsiitii Jimmaatti argamuun tajaajilicha argachuu akka danda’an ragaan yuunvarsiiticharraa arganne ni muul’isa.

Dabalataan ammoo namoota dhibee ijaa qabaniif koolleejjiin mummee fayyaa Yuunvarsiitii Jimmaa, Proojaktii Kaataraaktii fi Tajaajila Viizhin Keer Ityoophiyaa waliin ta’uudhan tajaajila laachufi.

Wallaansichi bilisaan kan laatamu yoo ta’u, yaala baqaqsanii wallaanuu mooraa ijaatu laatama.

Tajaajilli bilisaa kun namoota 500 ta’aniif, Gurraandhala 29 haga Bitootessa 5, 2012tti laatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.