Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti hojiileen qulqulina barnootaa mirkaneessuu bu’aa argamsiisaa jirachuun himame

Finfinnee, Hagayya 4, 2016 (FBC)- Godina Jimmaatti qulqullina batnootaa mirkaneessuuf hojiileen hojjatamaa jiran bu’aa argamsiisaa jirachuun himame.

Godinichatti konfiransiin barnootaa bara 2016/2017 geggeeffamaa jira.

Waltajjichaarratti, Itti Gaafatamaan Waajira Barnootaa Godinichaa Obbo Miftaa Abdulqaadir, qulqulina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen hojjatamaa jiran bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Godinichatti barattoonni qormaata kutaa 8ffaa fudhatan %91.4, akkasumas qormaata kutaa 6ffaa barattoonni %73 ol darbuun argisiistuu kanaa ta’uu himaniiru.

Bulchaan godinichaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, bara 2016 hirmaannaa hawaasaa mannneen barnoota bu’uura boruu, daree dabalataa, teessoo fi kutaaleen yaalii Birrii biiliyoona 9.5’n hojjetamuu himaniiru.

Hojiin sadarkaa manneen barnoota godinichaa fooyyeessuu fuuldurattis xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu dubbataniiru.

Konfiransicha irratti ogeeyyi barnootaa, qondaaltonni aanaaleefi maatiiwwan barattootaa kan hirmaataniiru.

Na’imaa Shee Kaliifaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.