Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti giddugalli kenniisa ragaalee fi qorannoo qulqullina oomisha Bunaa baname

Finfinnee, Bitootessa 28, 2015 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti giddugalli kenniisa ragaalee fi qorannoo qulqullina oomishaa Bunaa baname.

Giddugalichi qorannoo madaallii qulqullina oomisha bunaa barbaachisaa taasisuun kallattiin gabaa alaatti erguuf dandeessisa jedhameera.

Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Dooktar Addunyaa Dabalaa, giddugalli kenniinsa ragaa fi qorannoo qulqullina oomishaa, Dirree Dhawaa fi Finfinnee qofaa jiru Jimmaa fi Hawaasaatti babal’ifamuu dubbataniiru.

Dabalataan, naannawaalee Kibba-Lixaa argamaniif tajaajila kan kennu ta’uu eeranii, lammiilee hedduuf carraa hojii akka uumu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaa gamasaaniitiin gidduugalichi Jimmaafi Hawaasaatti banamuun isaa basii fi dhamaatii daldaltootaa fi qonnaan bultootarra gahaa ture akka hir’isu dubbataniiru.

Mukataar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.