Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti dargaggoonni kuma 38 ol waldaan gurmaa’uun hojjechaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2016 (FBC)- Magaalaa Jimmaatti dargaggoonni kuma 38 ol waldaan gurmaa’uunii hojjechaa jiraachuu Wajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa magaalichaa ibse.

Hojiin carraa hojii uumuu karaa ogummaan deeggaramee fi indaastiriif bu’uura ta’uu danda’uun raawwatamaa jiraachuun eerameera.

Magaalaa Jimmaatti ogeeyyiin miidiyaafi kominikeeshiniif leenjii guyyoota shaniif kennamaa ture xumurameera.

Xumura leenjichaattis Giddugalli indaastirii fi maanufaakchariingii magaalichaa dawwatameera.

Giddugalichatti dargagoota hoji dhabdoota kuma 1 fi 600 waldaa 36’n gurmaa’uun hojilee garaagaraa irratti boba’uu Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalichaa Obbo Sa’id Awwal ibsaniiru.

Dargaggoonni hojii horsiisa lukkuu, killee, oomisha saamunaa fi kanneen biroorratti ijaaraman ogummaa irratti hundaa’uun hojjetaa waan jiraniif bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Of irra darbanii hoji dhabdoota birootiifis carraa hojii uumaa jiraachuu himaniiru.

Dawwannicharratti hoggantoonni sadarkaa federaala fi naannoo akkasumas leenjitoonni kutaalee biyyatti garaagaraa irraa baba’an hirmaataniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.